Wednesday, 11 February 2015

Guyyaan kun yoom darba laata?

Guyyaan kun Hin dabarti laataa?
"har'a immo maal dhageenya laata ?"gaaffiin kun gaaffii nama kutannaa abdii fi abdi fuladuraa qabu hundaan kangaafatamuu dha .
kana kangaatuus guyyaan har'a kun itti toluu dhabe dhiphinaaf gidiraan kan jiraatu qofa osoo hin taane empaayira kana kessatti humnaan akka bulu seerri kantumameef ummatoota cunqursaa jala jiran ummata Oromoo ,uummatoota kibbaa ,uummatoota sumaalee fi kankana fakaatan qofas miti .
gaaffi kana kan gaafatu barate isa hojii qabatee mindaa argachaa jiru hojeeta qofa miti, gaaffi kana kan gaafatu osoo barachuu danda'u carraa barnootaa dhabee isa hin baratin hafe qofa miti ,ykn immo barate hojii dhabee tahaa kan jiru qofa miti . gaaffi kana kan gaafatu osoo jirenya magaalaa hawwuu carraa kana dhabee lafa tattaraaree bulaa jiru qotee bulaa miti ,ykn immo isa hojii daldalaa irratti bobba'ee dorgomuu dhadhabe miti .
Gaaffi kana kan gaafatu Namicha isa humaan isaa mirga waliin hume mirga isaa humaa isaa irraa kennameefii qabu warra hangoo qabeessaan jala mulqame ,Nama isa dhugaatii male sobatti hin amanu jedhe waan moramateef jibbame hari'atamu qofa tu  gaafata miti gaaffii kana kan gaafatu nama isa bara fi sirna hadha'aa kana kessa dhalate rakkina siyaasaa,hawwasummaa ,dinagdee fi rakkina gama hundaan jiruun dararamaa jiruutu gaafataa jira .

No comments: